Dhukkuba Vaayrasii Koronaa ofirraa ittisuu

Dhukkuba Vayrasii Koronaa ofirraa ittisuu:
Dhukkubni kuni Vayrasii irraa dhufa. Kan jalqaba mul’ate biyya Chaaynaa yoo ta’u amma addunyaa biyyoota hedduu dhaqqabeera. Akkuma dhukkubni kuni dhagahameen biyyoonni hundi Chaaynaa irraa quunnamtiim kutan. Biyyi Tophiyaa garuu xiyyaara ofii irraa kutuu diddee ilmaltoonni Chaaynaa biyya keenya dhufaa turan, jiran. Hamma ammaa garuu dhukkubni kuni biyya keenya seenuu isaa mootummaa dhoksaa jira. Guyyaa 13.03.2020 Jaappaniin tokko kan biyya keenya dhufe dhukkuba kanaan qabamuu qofa ibsa mootummaan. Haata’u malee dhukkubicha adda baasudhaafuu meeshan biyya keenya hinjiru.
Biyyoonni guddatan xiyyaara eessahuu dhufu ofirraa cufuudhan manneen barumsaa cufuudhan dhukkuba kan too’achuuf ifaajaa jiru. Ameerikaan, Biyyoonni Awurooppaaf kuunis xaayyaraf imala ofirraa cufaanii jiru. Biyya Tophiyaa garuu sobaan qulqulluu fakkeessudhaan akka ummanni ofirraa hineegnef odeeffannoo gahaa dhaqqabsuu dida mootummaan. Kuni akkuma beela biyya keenyatti dhaqqabe dhoksaa bahanii eega ummanni hedduun beelan dhumee booda dhagahamu sani. Biyya keenya mootummaan ummataaf hinnahu. Kanaaf ummanni dammaqee of tiksuu qaba. Nutis odeeffannoo dhaqqabsuu qabna.
1. Dhukkubni kuni qufaa ykn duunfafa ykn Utaallodhaan walfakkaata. Yoo qufaatan harkaa afaan qabadhaa qufa’aa. Ummanni keenya baadiyyaa gara magaalaa dhufuu dhaabuun hedduu murteessadha.
2. Gabaa dhiisuf waan bittaaf gurguraa tursiisuu.
3. Yoo rakkoo humnaa olii ta’e malee warri magaalatis firroottan ofii baadiyyaa bira dhaquu dhiisuu.
4. Waldhungachuu,harka walfuudhuf walhammachuu dhiisuu
5. Harka dhiqqattan malee nyaata hinyaatinaa, hamma dur caala of eeggannoo godhaa.
6. Dhukkubni kuni namoota dhukkuba qaban fi maaguddoota miidha. Haata’u malee garuu hamaa ta’aa deemuu danda’a. Odeeffannoon akka ummata keenya bira dhaqqabu gochuudha.

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.