Akka OMN gaafa 24.03.2020 gabaasetti Oromoonni 1090 caalan Oromiyaa iddoo gara garaa irraa qabamanii Awash Bishoollatti ji’a tokkoo oliif eega hidhamanii booda warri gadhiifaman akka jedhanitti:
- Ji’a tokkoo ol himannaa tokko malee hidhaman
- Kan hidhaman dhaaba PP (Bilxiginnaa) deeggaruu diddan jedhamaniiti
- Nama 100 caalaa kutaa takkatti walirratti hidhamanii turan
- Gadi nu baasaa yoo jedhan dararaa cimaatu irra gahaa ture.
- Nyaatanis adabamaa turan
- Maalif nu hiitan yoo jennu Oromiyaatu isin barbaade nuun jedhu
- Kana keessaa namni 69 Sabbataarraa kan hidhaman halkan gara Awash Bishoollaatti dabarfaman
- Leenjin kennamuuf seenaa sobaa, kan sabni Oromoo akka waan biyya ofii qabachuuf saboota biraa miidhaa ture fakkeessanii nu barsiisaa turan.
- Seenaa keessatti Goobana Daacee akka gootaa dinqisiifadhaa nuun jedhan.
- Ammas namni hedduun hidhaa keessatti hafan ta’uu dubbatu.Guutuuodeeffannookanaavidiyooasiigadiikanarraadaawwadhaa.