Maddi Vaayrasii bineeyyii bosonaarraa

Qorattoonni dhukkuba vaayrasiirraa dhufan hamma ammaa hedduun isaanii akka bineeyyii bosonaarraa maddan ibsu. Dkubboonni akka qufaa alaattii (chicken flue), Sars, Mers, Ebola, fi HIV kuni waggoota hedduu darbaniif dhala namaa fixaa turuun isaanii beekkamaadha. Dhukkuboonni kuni harki irra caalan gabaa bineessyyin nyaataf itti gurguramanirraa maddan.

Dhufaatin dhukkuba vaayrasii koronaa kuni addunyaa maalalchiisus waan nama dinqu miti jedhu qorattoonni. Dhimma kana bara dheeradhaaf akka akeekkachiisaa turan dubbatu. Namooni bineeyyii bosonaatin haala malee walitti siquun isaanii akka dhukkuba vaayrasii adda addaa fiduu malu dubbachaa turan qorattoonni dhukkubaa.

Guyyaan isaa ji’a afraasaa bara 2019. Magaala Wuhaan biyya chaaynatti gabaa foonii keessatti sagalee iyyaatitu dhagahama. Bineeyyii hedduun lubbuudhan haxxee keessa kaahamanii kuun achumatti qalaman. Bineessi awwal diigessa fakkaatu maqaan isaa Paangoliins jedhamu kuni madda Vaayrasii koronaa ta’a jedhamee yaadama. Bineeyyin gabaa chaaynatti gurguraman kunniin hedduun akka qoricha aadatiif itti fayyadaman ibsama.

Dhukkubsataan dhukkuba Vaayrasii koroonaa inni jalqabaa (patient zero) eenyu akka ta’e beekamuu baatus namoota jalqaba dhukkuba kanaan Wuhaanitti qabaman 41 keessaa 27 gabaa gaafasii keessatti qabaman keessaa isa tokko jedhamee yaadama.

bineeyyin gabaa Chaaynatitti gurguraman kunniin amala addaa qaban keessaa osoo ofii hindhukkubsatin vaayrasii adda addaa baatanii turuu danda’u.

Akka qorattoota dhimma fayyaa dhukkubni hamaawwan hamma ammaa nama hedduu galaafatan maddi isaanii bineeyyirraa gara namaa darban.

Maddi dhukkuba hedduu akka simbira halkanii (Bats) himama. Mee fakkii asii gadii kana keessatti gahee simbira halkanii vaayrasii dhukkuba nama fixanii laalaa.

Maddi barreeffama kanaa – Madda oduu biyya Norway (Nrk)

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.