Qadadduu fi Walaannaa

Gadaan Oromoo shan yoo ta’u aangoo(Gadaa) kan walirraa fuudhamus tartiibani. Gadaan tokko kan aangon irraa fuudhamu wagga 8 yoo bulche booda. Sunis Gadaa A aangoo Gadaa B irraa yoo fuudhe C immoo B akkasumas D Gadaa C irraa fi E Gadaa D irraa fuudha jennee yoo yaannee tartiibni kuni marsaa sagaliif osoo hinjijjiiramne itti fufa. Kana jechuunis Gadaan tokko marsaa isaa tokko deebi’aa kan isa dhaqqabu (Gadaa A Gadaa E irraa hamma deebi’ee fuudhuu) wagga 40 booda waan ta’uuf marsaan sagalii waggaa 360 ta’a jechuudha. Egaa marsaan sagal booda sirni suni diigamee marsaan haaran ijaarama. Gadaa Jaatame jedhama.

Warri Gadaa walirraa fuudhu fkn A fi B akkasumas C fi D ykn D fi E akkasuma A fi E walaannaa jedhamu. Kan walitti aanu jechuudha. Akka ijoollee walirratti dhalattee laalamu. Akkuma beekamu ijoollen walirratti dhalatte walfalmiti, walmorkiti, walitti qoosti, darbee darbee wal arrabsuunis jira. Gadaa keessatti warri aangoo Gadaa walirraa fuudhu (Walaannan) akka morkitootaa (opposition party) sanitti laalamu. Kan tokko hanqise ykn balleessee saaxiluudhan ani nan guuta, nan sirreessa jedhanii kan kaanii busheessanii kan ofii guddisuutu jira. Kuni garuu karaa sirnaaf seera eegeni. Kan seerri kuni akka hinjallanne, walitti bu’iinsi akka hindhalanne godhu immoo Gadaa hangafti isaanii jira.

Gadaa lammeessoo kan irraa fuudhan kana dura jiru Fakkeenyaf A fi C ykn B fi D waliif Qadadduudha. Qadadduu jechuun abbaa, hangafa, kan nama masaku jechuudha. Gadaa tokko yeroo hundaa qadadduu qaba. Qadadduun kuni akkaataa sirni jilaa itti gaggeeffamu tartiiba karaa agarsiisa, ni gorsa, ni eebbisa. Akka fakkeenya agarsiifamu kanaatitti Gadaa C fi A waliif qadadduudha. B fi D waliif qadadduudha. C fi E waliif qadadduudha. Salphina waliif qadaadu, walgorsu, walbarsiisu.

Sirni Gadaa waggaa kuma hedduudhaf kan jiraate morkii fayya qabeessa fi gorsaaf akeeka akka Walaannaf qadadduu waan qabuufi. Akka tokko quufee akkuma fedhe hintaane kan eegu walaannaa (morkituutu) jira. Akka walmorkiin sirna hindhabne kan eegu kan qajeelcutu jira. Kanarraa nuti hoo waan barannaa akka baranee siyaasa keenya keessatti itti fayyadamuu dandeenyu jiraa laata?

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.