Ibiddaa – Balbala – Mana – Warra – Gosaa fi “Gandummaa”

Asnaaqaa T Irkootin

Oromoo Gadaa ofii kan ijaarrate Gosa irratti hundaayeti. Kunis namni inni Gadaa keessatti bakka buufatu hayyuun isa bakka bu’u kan inni eenyummaa isaa beekuf borus gaafachuu danda’u akka beekamuufi. Nama gosa isaa hinbeekne waan hinamanamneef gosa itti barbaadu. Gosa galchuunis kanarraa dhufe. Nama tokko yoo inni waa balleessee gosti akka dhiyeessuf. Teessumni lafa isaatis dur harka caalan akkaataa gosa isaatin ture. Maqaan lafaatis harki irra caalaan maqaa gosa irra qubate saniin moggaafamee ture.

Egaa bara as aanaa kana maqaa gosaa dhahuun akka hamaatti laalama. Kunis gandummaa jedhamee yakkama. Warri Habashaa Oromoo mataa cabsuu yoo barbaadan gaafa inni Afaan Oromootin dubbateef waayee Oromoo maqaa dhaye «zaranyaa» jedhanii mataa cabsu. Isaan Afaan ofii gaafa dubbatan, waayee biyya ofii yoo faarsan garuu akka sanyii gootaa ibsamee gaarii ta’ee himama.

Tibba kana akka argaa jirru garuu Oromoonis siyaasan isaa gandaan qoodamaa akka dhufeef kuni tokkummaa Oromoo akka diigutti ibsama marsaa hawaasummaa kanarratti. Namni warra (ganda) fi gosa qabaachun yakka miti, hammeenyas hinqabu. Hammeenya kan qabu gaafa gosaan wal ijaaree gosa biraa hacuuce qofa. Egaa duuchumatti gandummaadhan maqaa gosaa balaaleffachuu osoo hintaane dura sirriitti ibsuu barbaachisa. Oromoon gosaan ijaaramuun akka gadaa isaa deeffatu gochuun hedduu barbaachisaadha. Garuu ijaaramee tokkummaa Oromoo kan walqixxummaarratti hundaaye ijaarrachuutu boruufilee cimina qaba. Tokkummaan sobaa, kan akkanumatti duuchadhaan faarsan kuni baatii lama hindarbu inuma bittinaa’a.

Tokkummaa saba tokkoo hundee isaatirraa jalqabee yoo ijaarame hindiigamu. Hiddi isaa lafa qabataadha. Gandummaanis kan badu gaafasi. Gandummaa gosa biraa jibbuu ykn dhiibuu jennee yaanna yoo ta’e ijaaramni akka walbeekaniif akka gosa ofii yoo ta’e qaawwi jidduu kana hinjiraatu.

Akka amma argaa jirrutti namuu akka afooshas haata’uu akka siyaasaa akka naannaa irraa dhalateetin of ijaaree osoo jiruu ala ala keessa gosa gandummaadhan balaaleffata. Kuni soba, dhugaa walitti himanii hunduu sirnaan ijaaramee garuu walitti dhufee waayee Oromoo irratti yoo waliif gale borullee waliin jiraata. Yookan borus ebelu nurratti ijaarame, ebelu nu saame jedhee quba walitti qabuuf deema. Miidhan hacuuccaa bara dheeraa halagaan nurraa gahaa ture caasaa aadaa keenyaa waan diigaa dhufeef deebisanii ijaarun qorannaa gaafata. Malaaf sirriitti hubachuu gaafata.

Ibiddaa – Balbala – Mana – Warra (Ganda) – Gosa 

Kitaaba Qabsoo Oromoo Eessaa karam fuula 115 – 116 keessatti qabxii waayee gosaaf gandummaa kuni akka asii gadiitti kaahame:

«Sabni keenya baroota dheeradhaaf caasaan ittiin ijaaramee siyaasaa gaggeeffachaa ture akka gosaatini. Ilmi gosa hinqabne ilmaa miti jedha Oromoon. Ilmi tokko jalqaba warra irraa dhalate qaba. Akka sadarkaatin yoo laalle ka’uumsa isaa ibidda, itti aansee balbala, san booda mana [33]. Ilmi mana hinqabne ilma gosaa ta’uu hindanda’u. Manni warra qaba. Ilma warra ebeluu jedhamee beekama. Ilma eenyuti ati yoo jedhanii gaafatan kan warra ebeluu jedhee sanyii irraa madde himata. Kanaafi kaa warra Imanuu, warra Iluu warra Tarii Tufaa kkf jedhamee kan beekamuuf. Hirmaannaa Gadaa keessatti namni warra hinqabne sadarkaa kamittuu hirmaachuu hindanda’u. Warri isaa yoo hinbeekamin namni suni warratu kennamaaf. Gosa galee itti qalamee warra moggaafata. San booda bakka argata hirmaannaa siyaasas ta’ee kan hawaasaa keessatti. Warratti aansee gosatu jira. Namni warra qabu gosa qaba. Gosti aadaafi seenaa Oromoo keessatti hundee fagoo qaba. Oromoon Nama kamuu yoo dubbisu gosa kami jedhee gaafata. San booda warra kami ree jedhaan. Namni gosa hinhimanne aadaa Oromoo keessatti amanamaa miti. Eessaa akka bahe waan hinbeeknef shakkamaadha. Siyaasaa keessatti nama dursuu dhiisii Oromoon of waliinuu jiraachisuudhaf bakka isaaf gochuu qaba.

Gosti martuu bakka itti qubate qaba. Kunillee teessuma lafaa jechuudha. Bara dheeradhaaf bakka qubatanii turan maqaa gosaatin moggaasun aadaadha. Bakkan ani itti dhaladhe Saddiiqa maqaa gosaati. Saddiiqas warra heddu qaba. Lafti Oromoo baay’en maqaa gosaatin, maqaa waan aadaa keessatti beekamuutin maqaa haala adda addaatin moggaafame. Kunillee eenyuummaa namaa gargar baafachuuf akka ta’uuf namuu bakka irraa madde ani nama bakkanaa dhufe jedhee gosa isaatitti aansee ittiin of himata. Akkanatti ittiin boonee qaanii malee, maal naan jedhan osoo hinjenne afaan guutee biyyi kiyya asi jedhee himata. Ardaa irraa dhufe namni hinqabne eenyummaa isaatirraa akka hanqina qabuutti laalama. Egaa Gadaan gandummaadhan nama dorsisaa ykn sodaachisaa osoo hintaane haala kanaan kabajaadhan waliin jiraachisaa ture saba Oromoo.”

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%%footer%%