Guyyaa Gootota Oromoo – seenaa walmadaale qabaachuu

Birbirsa Goorotiin

Waggoota dheeradhaaf Guyyaan Gootota Oromoo ABOtu kabajaa ture. Kunis seenaa hoggantoota ABO Ebla 15 bara 1980 osoo gara Somaalee deemaa jiranuu Shinigga irratti shiftootan ajjeefaman yaadachuuf jalqabame. Haata’u malee garuu yeroo ammaa kana akkuma agarru guutuu Oromiyaa keessatti akkuma guyyaa gootota hundaatti fudhatamee kan gootota Oromoo qabsoo irratti bara dur irraa jalqabee wareegaman ittiin yaadatamu ta’aa jira.

Kuni waan hedduu jajjabeefamu. Kan sirriittillee itti fufuu qabu. Maalif jennaan biyyi goota ofiitif kabajaa hinqabne goota hinhorattu. Wareegamtoota biyyaaf jedhanii lubbuu ofii kennan yaadachuuf gatii isaan baasan san deebisuus baatu bara baraan dhaloonni akka yaadatu gochuun akka seenan isaanii hindagatamne taasisa.

Haata’u malee garuu guyyaan gootota yeroo kabajamu maqaalef suuralen dhaabolii siyaasaatin maxxanfaman gootota muraasa qofa agarsiisa. Oromiyaa keessatti qabsoo saba Oromoo diina jalaa baasuu keessatti namoonni waregaman hedduudha. Kunis seenaa durii irraa kaasee qulqullaayee kaahamuu qaba. Gootota bara as aanaa keessa seenaa guddaaa hojjetanis itti dabaluutu feesisa. Seenaa haaranis galmee seenuu qaba. Seenan kan dhokate iyyaafatamee bahuu qaba.

Seenan gootota Oromootis akkuma dhaabni tokko yookan gareen tokko itti ibsetti himamaa jira. Kan kaanif gootaa kaanif gantuudha, kan kaanif leenca biyyaa kaan biratti kan biyya gurgure. Yoo itti qabnee sirriitti qoranne gootonni qabsoo falmii Minilik waliin taasifame irraa kaasee jiran yoo laalle hedduun kan mudoo ykn hanqina dhaban miti. Kan akkuma diina fixan Oromoos fixan jiru. Kan bara Hayila Sillaasee keessas ta’ee bara Darguu akkasumas bara Wayyaanee keessa qabsaa’an akkuma diina fixan Oromoos ajjeessan jiru.

Haata’u malee garuu qabsaa’onni kunniin qabsoo keessatti bu’aa isaan buusanitu caala jedhamee akka gootaa yoo fudhanne hundaa walqixa laaluu qabna. Bu’aaf kasaaraa isaanii walqixa madaaluu qabna. Naannoo tokkotti gantummaadhan arrabsaa kan naannoo kaanii gootummaadhan faarsina yoo ta’e aantummaadhan walfaarsuu ta’a. Walqixa seenaa madaalun hedduu barbaachisa. Kana keessatti qabsoo Goobanaaf kan naannaa sanii akka gantuutti yoo abaaramu qabsoo naannaa biraaitti godhame keessatti kan maqaa amantiitin Oromoota hedduu fixan, mana waliin guban akka gootaa farfamu. Seenan akka gosummaaf aantetiin walfaarsuu hafuu qaba.

Qabsoo jiddu galeessa biyyaa keessatti godhame keessatti gaheen warra Tufaa Munaa, gaheen warra Galaan, gaheen warra Abichuu ykn Goobanaa maal akka ta’e sirritti qoratamuu qaba. Diinni jalqaba Wallo itti aansee Tuulamatti duule. Hamma Tuulamni cabuu naannan kuun waan deemaa ture hedduu quba hinqabu. Bara dheeradhaaf Tuulamni naannaa Finfinnee mootota habashaa waliin qabsoorra ture. Haata’u malee qabsoon kuni akka qabsoo osoo hintaane akka gantummaa lakkaahame.

Karaa biraa qabsoo bahaaf kibba Oromiyaa keessatti godhame keessatti kan amantiidhan ilmaan Oromoo fixan gootota yoo jedhaman kan jiddu galeessaa kuni qofti maalif gantuu jedhaman gaafin jedhu ka’uu qaba. Karaa dhiya Oromiyaa yoo laalle kan Oromoo garbicha godhatee nama akka horii Minilikiif gibira kaffalaa ture Tulluu Jootee fi Abbaan Jifaar maalif hinkaafamne. Maalif kan Goobanaa qofti yakka ta’ee kan isaanii akka waan yakka hinhojjetinii faarfamu? Maalif gaarii qofti himamee masarri isaanii seenaf kaawama? Maalif immoo seenan Goobanaa gaariin tokkollee dhokfama?

Itti qabnee seenaa qabsoo Oromoo yoo laalle:

  • Lola ABO fi IFLO jidduutti godhameen ilmaan Oromoo dhumaa turan eenyutu fixe jennee wal hingaafanne. Namoonni yeroo san maqaa amantiitin Oromoo fixaa turan har’a goota Oromiyaati.
  • Lola Ijoollee Baalee (booda Sumaalee Abboo) gaggeesse keessatti ilmaan Oromoo amantiidhan qoodanii hedduutu dhume, seenaa kaleessati. Garuu hoggantoonni suni gootota Oromooti.
  • Jimaa Abbaa Jifaar Oromootaf ummata kibbaa garbicha godhatee gurguraa tururra darbee akka loonii qabee Minilikiif gibira namaa kaffalaa ture. Kuni akkamitti hinkaane?
  • Jootee Tulluu ummata gara dhiyaa garbichaaf qabee gurgurachaa ture. Kuni maalif yakka hintaane?
  • Goobanaan bara Minilik san Minilik waliin muchoomudhaan waldhabdee warra Galaan waliin qaburraa ka’ee Oromoota Tuulamaa hedduu miidhera, san malees saboota kibbaas miidhee jira, kunis yakka. Gara dhiya Oromiyaa garuu akka ragaan seenaa jirutti nuuf koottuu, Darbush nurraa qoli jedhamee kadhatamee dhaqe. Kuni gaarii godheen galmaahuu qaba. Yakka hinhojjetinitu galmaayee ittiin Tuulamni hundi abaaramaa jira. Kan kaanii yakki yoo baqee badu kan Goobanaa maalif guyyaa guyyaadhan hora bula?

Guyyaa Goototaa yoo kabajuu barbaanne walirratti seenaa hinjirreef yakka gara biraa dhoksinee kan gara tokkee qofa faarsudhaan osoo hintaane seenaa gootota Oromoo qulqullaayee, yoo kan yakka qabanis dhiifnef walqixa dhiifamee ta’uu qaba malee kan gara tokkoo yakka kan kaanii immoo gootummaa ta’ee itti fufuu hindanda’u. Yakki yakka, dhugaan dhugaadha, sobnis soba.

Seenaa gosa tokko xureessee gosa kaan faarsu kana ofirratti biqilchuu haa dhiifnu. Hunduu Oromoota jennee sammuu keenyan yaanna taanan yakkamtootaf gootota sirriitti adda baafannee seenaa qorannee hundaa walqixa farsuuf qeequu nu barbaachisa. Seenaa sobaatin maqaa garee tokkoo balleessun kuni waan har’a ta’uufis dhiibbaa guddaa qaba.

Fuulduraaf seenaan qabsa’ota Oromoo sirnaan qoratamee, kan dhaaba siyaasatiin garee tokkorraa finiinfamu osoo hintaane haala dhaabbileen barnoota sirnaan qoratanii dhiyaatee itti waliif galamee qoratamuun ta’uu qaba. Dhaabbilee akka OSA fi universitiiwwan waliigalteedhan loogii tokko malee seenaa qabsaa’ota Oromoo qulqulluu dhiyeessuu qabu. Kuni hedduu barbaachisaadha. Wareegamtoota durii qofas osoo hintaane kan as dhiyeenya kana lubuu ofii gootummaadhan kennanis tartiiba goototaa keessa galuu qabu.

Guyyaan Gootota Oromoo seenaa loogitirraa qulqulluu ta’uu qaba.

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.