Siyaasa biyya Tophiyaa yeroo ammaa – Maaltu bade?

Birbirsa Goorotiin

Namni tokko akka dhuunfatti waan godhurraa qabee hamma garee akkasumas ummata biyya sanii waan godhanitu biyya takka gaarittis hamaattis geessa.

Haala Tophiyaan amma keessa jirtu yoo laallee, mootummaan abbaa irree kan nama fixe, biyya saame hiddaan osoo hinbuqqa’in namoonni mootummaa abbaa irree san keessaa fooyyee qaban angotti dhufan. San booda kan garee akka saba Tigray wal ijaaranii paartii siyaasaa ijaarratanii biyya saamaa turan, nama hidhanii ajjeesaa, kolaasaa turan gara Tigray meeshaa waraanaa fi qabeenya biyyattiin qabdu fudhatanii galan. Egaa amma biyyi mootummaa lamaan bulti yoo jedhame dhugaarraa fagoo miti. Kunis mootummaa Abiy fi garee ABUT naannoo Tigray.

Haata’u malee ummanni Oromootis ta’ee ummanni Tophiyaa mootummaa Abiy Ahmed san harka bal’isee badiin isaan gochaa turanis yeroof dhiisee deeggare. Mootummaan Abiy kuni DHDUO keessaa Oromoo bakka bu’ee ADWUI dhan filatame. Ummannis Oromoon nuuf filame jedhee hedduu faarsee, waliin dhaabbatee deeggare.

Yeroo kuni ta’u dhaaboliin siyaasaa biyya alaa turan gara biyyaa galanii ummata keessatti akka hundee hingodhanne mootummaan fuulledhaanis harka wayaa jalaatinis gufuu itti ta’aa ture. Yeroo kana namoonni tokko tokko mootummaan kuni fuuldurri isaa gara abbaa irrummaa deemaa jira jedhanii qeequu eegalan. Namni kuun garuu warra qeequ kana arrabsoodhan afaan qabsiisuu yaala turan.

Oolee osoo hinbulin mootummaan Abiy namoota isa morman hidhuu eegale. Naannoo Oromiyaa godinoota akka Lixa Shawaa, Wallaggaa, Booranaf Gujiititti labsii yeroo muddamaa labsee ummata fixuuf hidhuu itti fufe, interneetii fi Mediyaa cufee akka yakki kuni hingabaafamne godhe.

Abiy aangoo mootummaa Oromiyaatitti harka seensisudhan Lammaa Magarsaa achii kaasee seeran ala nama isaaf ta’u Shimallis Abdiisaa achi kaaye. Mootummaa Naannoo Amaaratis akkasuma nama isaaf ta’u shuume. Haata’u malee garuu warra qawweef humna qabu, kan yakka meeqa hojjetee qabeenya ummataa saamee Tigray gale ittuu dubbachuun sodaadha. Iddoo hedduutti akka fedhetti nama fedhe jijjiirudhaan nama isa dura dhaabbateef garee isaa hundaa balleessaa deeme. Ta’us garuu warra humna qabu kan akka mootummaa tokkoo of lakkaahu homaa hingoone. Yakkamtoonni Tigray nama kumaatamaan fixan osoo taa’ani Oromoon ammas yakka tokko malee hidhamaa fi ajjeefamaa jira.

Yeroo Abiy kana hojjetu reefu namaaf galuu jalqabe. Hamma yeroo kanaa Abiy Ahmed qeequn akka yakkaa lakkaawamee namni nama arrabsoof maqa balleessidhaan afaan nama qabsiisaa ture.

Haalli amma dhufe kuni maalirraa dhufe? Abiy mootummaa abbaa irree yoo ta’u maalif hamma ammaa dura dhaabbachuun dadhabame?

  1. Jalqabarraa qabee qabsoo kan godhe qeerroo yoo ta’u ijaaramni qeerroo kan akka dhaabaa suduudan hogganamuuf tarsiimoo fuulduraa akkasumas kan darbe gamaggamee kan dhufe akeeku osoo hintaane ummata cunqursaa jalaa baasuu ture. Ummanni cunqursaa jalaa eega bayee booda mediyaa jiruuf carraa jiru maraaf qeerroo akka ijaarama cimaa tokkotti ijaaruun hafee Oromoon aangoo qabatee wanti martuu karaa qabatee galaa, misooma hojjedhaa jedhanii itti lallabaa turan. Kuni dogoggora. Dogoggorri guddaan marii gahaan osoo hingodhamin mediyaarratti namoonni muraasni haasa’a godhani kan hafes wacaan deeggaruudhan dubbii murtoofti (lack of ciritical dicussion and analysis).
  2. Dhaaboliin siyaasa Oromoo osoo homaa waliigaltee tokko hongodhatin kophaa kophaa fiiganii gara biyyaa galan. Kan biyya tures hidhaa waan turaniif haala mijataarraa hinturre. Haata’u malee yeroo tasgabbiin argameef haalli mijate keessatti bara 2018-2019 gadi bahanii uummata ijaaruf dafanii caasaa ummataa tolfachuurra Finfinnee taa’uu filatan. Walgayii xixiqoo yaamee namuu Finfinnee keessatti of mulisurratti yeroo fixe. Gaafa isaan gara godinaalee bahan mootummaa abbaa irree warra durii ummata fixaa bahan aangotti deebisee karaa itti cufeera. Kunuu ta’ee osoo jiruu waan durii dhiisanii, qabsoo ijoollen itti dhumtee as geesse kana firii itti gochuudhaf waliigalanii, agobara tokko hundeessanii ummata Oromoo akeeka tokkoon wabii isaa ta’anii ummatas kakaasuu dhiisanii kophaa kophaa fiigani. Kuni mootummaa abbaa irreetif carraa guddaa bane. Kuni martuu ta’ee ammas yeroo ummanni hidhamu, yeroo hamma dur caalaa lafti Oromoo achuma balbala Finfinnee duratti saamamu dhaaboliin kuni balaaleffatanii ummata qopheessudhaaf homaa hingoone. Mirga ummata Oromoo guyyaa guyyaatti dhiibamu dhaabni siyaasaa gadi bayee dubbatu akka dhaabatti hinjiru, tarii namoonni dhuunfadhaan dubbataa jiru.
  3. DHDUOn booda ODP fi kan amma Badhaadhina jedhamu kuni seenaa isaa keessatti kan ummata Oromoo saamee, fixaa tureef jiru. Guyyaan inni mirga Oromoo afaanumaafis ta’u dubbate gaafa Lammaan Magarsaa bulchaa ture qofa. Hundeeffama DHDUO irraa qabee namoota booji’aman, kan barnoota gahaa hinqabne, kan sanyiidhan diqaalaa walitti qabanii namoota ofitti amantummaa hinqabneen biyyi suni hogganamaa turte. Namoonni ofitti amantummaa hinqabne kuni aantummaa ummataas waan hinqabneefii yakki hojjetaa turan hedduu waan ta’eef gaafa tokko ummanni kuni nu gaafata soda jedhurraa dunuuffatanii qama ummata miidhus aangorra isaan tursiisu deeggaran. Egaa ummanni Oromoo fayyaalummaa isaatin diqaalota, doofawwaniif hattoota kana amanee ammas wareegama kana hunda booda carraa argame kanaaf akka isa hogganan carraa kenneef. Carraa kanas kan kenneef ummanni mariidhan itti waliigalee osoo hintaane namoonni Mediyaa irratti kan dubbataniif dhiibbaa godhaniini. Kuni dogoggora guddaadha. Kana namni beekee ifatti walitti hinhimin ammaa achis waliin deemuf waldhagahuun rakkoo guddaadha.

Amma maaltu ta’uu qaba ree? Walitti deebinaa, isinif yaada kenna qeeqa keessan barreessaa.

(suuraa -internet: dreamstime)

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.