SIYAASA BIYYA TOPHIYAA YEROO AMMAA – MAALTU MALA?

BIRBIRSA GOOROTIIN

KUTAA LAMMATAA

Guyyoota muraasa dura mata duree siyaasa biyya Tophiyaa yeroo ammaa maaltu bade jedhu jalatti waan Oromoo jalaa hanqatee sababii kufaatii ammaa kana tarreessuf yaalen ture.

Keessattuu sababiiwwan sadeen kana kaayen ture:

  1. Qeerroo akka dhaabbataa osoo hinjabaatin hafuu, diigamuu
  2. Dhaaboliin Oromoo walitti dhufanii gumii tokko lafaa kaayyachuu dhabuu
  3. ummanni Oromoo yakkamtoota DHDUO amanee ammallee aangoo isaanif kennuu

kan jedhu kaaye ture.

Rakkoon asii ol dhiyeessuf yaalle kuni yoo falame ummanni Oromoo mirga ofii deeffatee abbaa biyyumaa ofii deeffata amantii jedhun qaba. Waayee qabeenyaf lafaa osoo hindubbatin dura abbaa biyyaa ta’uu feesisa. Abbaa biyyaa namni ta’e lafa ofii, qayee ofii, afaan ofii kkf deeffatee guddisuuf hiree qaba.

Sabni Oromoo ammas gabrummaa san jalaa osoo hinbayin hamma xiqqoo fooyyee argatee suni achumaan cillimte. Abiy Ahmed maqaa Oromootin aangotti ol bayee garuu saba biraa of hiriirsee Oromoo fixaa jira. Kana ummanni Oromoo callisee laaluu hinqabu. Waan gochuun nu fayyada jedhee ani akka koo yaadu:

  1. Qeerron osoo oolee hinbulin deebisee walgurmeessuu qaba. San booda ajaja eenyutuu osoo hineegin, akka duraa dhaabni siyaasatis ta’ee namni dhuunfaa anatu qeerroo ijaare jedhee gaafa barbaade mediyaatti bayee galaa jedhu, kan gaafa itti hammaate koottuu jedhu osoo hintaane, human ofitti amane ta’ee of ijaaruu qaba. Ijaarsi kunillee DHDUO amma Bilxiginnaa taate tana diigudhaaf akka isaaf tolutti of ijaaree qabsoo ofii mariidhan eegaluu qaba. Wareegama xiqqeessudhaaf mariin hedduu feesisa. Sabni Oromoo dhaabolii siyaasaa irraa abdii qabaachaa ture. Haata’u malee garuu kan bilisa isa baasu qeerroo malee akka dhaaboliin hintaane argeera. Kanaaf qeerroon kana beekee walgurmeessee ammas qabsoodhaf ka’uun murteessadha
  2. Dhaaboliin siyaasaa Oromoo sabni Oromoo bara hedduuf abdachaa ture. Ammallee osoo abdii irraa hinkutanne halkanii guyyaa akka walitti dhufanii agoobara tokko jalatti saba Oromootif human ta’an gaafachaa jira. Dhaaboliin siyaasaa kuni kan hundeeffaman walirraa citanii waan ta’eef akka sabni Oromoo hawwu kana hintaane. Wal caalaa halagaa jala hiriiruu filatu. Obbolaa ofii Finfinneetti waliin dubbachuun kan itti hinulfaannee Wayyaanee ummata keenya kaleessa fixaa turte Maqalee dhaqanii dubbisuun isaanif salphaadha. Gatii saba ofii hinbeekan. Kanaaf sabni Oromoo dhaabolii kanarraa abdii godhatee isaan taa’ee eeggachuu hinqabu. Qeerroo cinaa hiriiree dhaabolii siyaasaa kana kokkee qabee qabsoo haaradhaan hoggana haaraa horachuun mala marii hinqabne. Dhaboliin maanguddoota wagga 70-80 hogganaman, kan ummata Oromoo harki 60 ol dargaggoo ta’eef siyaasaa hammayyaa hubate kana hogganuu hindanda’an. Kanaaf siyaasaa jaarsoliin kabajaan ofirraa gaggeessee kan qeerrodhaan hogganamu gaafa horate dhaaboliin haaraa dhufanis saba kanaaf kabajaa horatu. Kanaafuu dhaaboliin siyaasaa Oromoo siyaasa barane hojjechuuf eerrama durii bira darbuudhaf hoggana dulloomaa ofirraa kaasuu qabu. Isaan yoo didan sabni Oromoo kan isaanif ta’u ijaarachuuf dirqama
  3. Saba Oromoo seenaa keessatti Wayyaanetti aanee kan miidhe DHDUO kale Bixiginnaa har’aati. Sabni Oromoo yakkamtoota DHDUO kana yakka isaanii akkanatti dhiisufii hinqabu. Saba keenya kan fixaniif itti gaafatamuu qabu, qabeenya Oromoo saaman deebisuu qabu, hamilee ittiin ummata Oromoo hogganan hinqaban. Kanaaf qeerron DHDUO kale kan har’a Bilxiginnaa taate tana hiddaan ofirraa kaasee gara seeraa dhiyeessun kaayoo isaa ta’uu qaba malee isaan ofirratti deebise hoggana gochuun sirrii miti. Kanaaf kaayyon keenya yakkamtoota mana murtii malee waajira taa’un isaanif hinmalle ifatti irratti qabsaahuu qaba.

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%%footer%%