Baankii lafaa – mala lafa saamame abba fedhaniif qoodan

Birbirsa Goorotiin

Waggoota 20 darbe lafti jiddu gala Oromiyaa keessattuu Finfinnee irraa kilo metira 100 marsee argamu hedduu saamame. Qotee bulaan dirqamaan, dhiibbadhaafi sodaachisoodhan lafa isaa irraa buqqifame. Yoo buqqifame maallaqa xiqqoodhan kan beenyan kaffalamuuf yoo ta’uu ishiinuu warra koree lafa bira dabartee kan bira geessu hedduu xiqqoodha. Lafti Finfinnee marsee jiru:

  • Laga Xaafoo/Laga Daadhii
  • Galaan/Duukam/Bishooftuu
  • Sululta
  • Sabbata
  • Buraayyuu

Saamichi addaa kan irratti gaggeeffame yoo ta’u lafa maqaa daraaraa dhaabutiin, industrial zone jechuudhan hektaara hedduu qotee bulaa irraa kaasaa turan. Kanatti dabalataan invastmantiidhafi jedhamee namni fedhe iddoo barbaade gaafatee qotee bulaa irraa kaasaa turan. Dabalataanis ijaarsa mana kondominyemii akka Kooyyee Faccee, Boolee Bulbulaa, Ayat, Eekkaa Abaadoo, Kotobee kkf lafa guddoo qotee bulaan irraa buqqisan. Industrial zone dhaabbate kana keessatti ijoollee Oromoo mindaa daabboo bituu hindandenye kaffaluudhan human saamaa jiru. Miidhaa achi keessatti irra gahaa jira itti deebina.

Jidduu kana keessatti Finfinneen guyyaa guyyaa bal’achaa deemti waan ta’eef lafa qotee bulaa dallaa itti gochaa deemu. Mala ittiin ammallee qotee bulaa buqqisan keesaa:

  • Lafa kee mootummaan misoomaf barbaada jedhanii beenyaa xiqqoodhan sossobuudhan
  • Dallaalli lafaa qotee bulaadhan lafa kee mootummaan fudhachuufii dursii gurgurii maallaqa foyyee argadhu jedhee dorsisuudhan waan xiqqoodhan irraa bitu
  • Humnaan aangoo fi qabeenya fayyadamudhan lafti saamama

Qotee bulaan naannaa Finfinnee waan seeraf seera hinqabne addaan isa wallaalchisaniiru. Lafti keetii miti kan mootummaati jedhanii mataa naannessanii human dhabee waan godhu dhabee guyyaadhan mana isaa keessaa baafamee qeyee isaa fudhatamaa jira.

Yeroo Wayyaanee qabsoon kokkee qabee ture san booda jijjiirama argameen fayyadamun lafa harka dhaabbileefi namoota dhuunfaa harka jiru, akkasumas kan murtii wayii malee akkanumatti dalleeffamee jiru Baankii lafaa galchuu waan jedhu jalqaban. Lafa abbaa qabu, kan abbaan biraa rakkatuuf beela’u baankii lafaa gale jedhama. Kuni tooftaa mootummaati. Yeroo ammaa kana lafa Baankii lafaa jira jedhame kana abbaa lafaatif deebisuu dhiisanii ittiin deeggarsa bitataa jiru. Keessattuu Bilxiginnaan adeemsi isaanii maqaa maneen amantiitif daldaltootaniin lafa kaasanii qoodaa jiru. Lafa qotee bulaa kan same:

  • Maqaa amantii Ortodoksiitin lafti daangaa hinqabne saamamee jira. Ammallee saamamaa jira
  • Amantiin musliimatis yeroo ammaa morka warra Ortodoksii lafa saamuu eegaleera
  • Maqaa ijaarsatiin dhiibbadhaan, dorsisoodhafi dirquudhan qotee bulaarraa lafti saamamaa jira

Kunis kan godhamu warra aangoo qabutti fayyadamuudhan Lafa iyyanii fudhachuurraa darbee humnaan qabatanii irratti ijaarudhaan hojjettoota gandaa fi mana qopheessaatif matta’aa kennuudhan kaartaa itti baasanii seera qabeessa fakkeessudhaan lafti hamma duraa caalaa saamama jira.

Kana yoo callifnee laallee yeroo gabaabaa booda lafti hammi hafte tunuu dhumtee akkuma dhaadatan san lakkoofsa ummata Oromoo jiddu gala jiru jijjiiranii harka olaanaa ta’uuf deemu.Qeerroon sagantaa yeroo gabaabatiif kan yeroo dheeraa kaawwatee qolannaa yoo jalqabe malee Oromiyaan bakka lamatti cituuf deemti. Qeerroo dirqama seenaa bahachuu qabda!

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.