Miidhama saba Oromooirra gahe galmeessuu

Asnaaqaa T Irkootin

Dafnee waa irraaffanna – “way nuyi, yaa waa irraaffachuu” jedhe Haacaalun!

Bara Minilik, Hayla Sillaasee, Darguutif Wayyaanee saba Oromoo irra miidhaa guddaatu gahaa ture, ammas jira. Yakka saba Oromoo irratti gahaa ture kanaaf ammas gahaa jiru kuni kan galmaayes kan hingalmoofnes jira. Seenaa keenya fi miidhaa saba keenyarra gahaa ture waan galmeeffachuu dhiifnef, ragaa walitti qabuu dhiifnes warri nu miidhe, kan nu miidhan isaan hanqatee miidhaa sanillee haalaa jiru. Kanaaf seenaa yakka Aannolee fi Calanqoo amma OPDO fi Nafxanyaan haalaa jiran ragaadha.

Kan darbe darbee warra amma jiruuf kan darbes seeran gaafachuuf, yakka nurra gahaa jiru galmeeffachuudhan ragaa qabatamaa walitti qabuun hedduu barbaachisaadha. Sabni miidhaa isarra gaheef gahaa jiru ragaa hinkaawwanne ofirraa qolachuudhafis gahuumsa hinqabaatu. Miidhaa nurra gaheef gahaa jiru hingalmeeffannu yoo ta’e inuma dagatama. Namni nu miidhes seeran guyyaa tokko silaa kan itti gaafatamu inuma hafa. Kan haaraa dhufullee akkuma kan darbee san keenyas ta’ee kan halagaa miidhaa nurraan gaha. Kan darbe hingaafatamu taanan kan ammaaf duranaas waan sodaatu hinqabu. Akka barbaadetti nama ajjeesa, saamaa, waan barabaade godha.

Namni Oromoo ta’e martuu ragaa miidhaa saba Oromoo irra gaheef saamicha qabeenya Oromoo galmeessee kaahachuu qaba. Ragaa galmaayee lafa jiru gaafa carraan argame itti fayyadamun miitota seeran gaafachuun salphaa ta’a. Maa galmeessina?

  1. Gooxii, Ganda, Aanaa, Godina, Oromiyaa fi akka guutuu biyyatti nama nama keenya ajjeesse kan beeknu ragaa qabnu, barreeffamaan, sagaleedhan, suuradhaan, vidiyoodhan, ragaa nama argee galmeessudhaan, maqaa nama kanaa teessoo fi yeroo kuni raawwate katabanii kaahuu. Kuni qixxee gumaa wareegamtoota keenyaatitti laalla. Namni akkaataa itti du’e nuti daganne dhiigni isaa lafatti bade jechuudha. Kanaaf kana galmeessinee kaahun dirqama hunda keenyati.
  2. Nama Oromoo hidhe, hiisise, hidhaa keessatti tumee miidhaa irraan gahe, seeran ala aangoo qabutti fayyadamee adabsiise, qaamarra miidhaa dhaqqabsiise ragaa barreeffaamaa, sagalee, suuraa, vidiyoo akkasumas guyyaaf iddoo waliin namoota ragaa ta’anis galmeessinee kaahuu qabna.
  3. Nama aangoo qabutti fayyadamuudhan qabeenya ummmata, gibira ummataa, qaraxa ummataa akka kan dhuunfaa ofii itti fayyadamee kan ofii godhate, kan aangoo qabuun maatii ykn fira ofii qaxaree dantaa kenneef akkasumasa nama qabeenya ummataa seeran ala balleesse ragaa barreeffaamaaa, suuraa, vidiyoo akkasumas guyyaaf iddoo waliin namoota ragaa ta’anis galmeessinee kaahuu qabna.
  4. Nama aangoo waan qabuufis ta’ee karaa biraatin lafa abbaa qabu seeran ala saamee ofii fudhate, gurgurate ykn nama biraatii kenne ragaa barreeffaamaa, sagalee, suuraa, vidiyoo akkasumas guyyaaf iddoo waliin namoota ragaa ta’anis galmeessinee kaahuu qabna.
  5. Ummata Oromoo nama hedduudhan itti rorrifamaa ture. Kunis Oromoo akka OPDO kalee ODP kan turaniif har’a Bilxiginnaa ta’an, Diqaalaa maqaa Oromootin daldalan, alagaa afaan Oromoo baratan akkasumas halagaa biyya Oromoo dhuunfataniin miidhaa hedduutu irra gahaa ture. Miidhaa dhaqqabe kana yoo galmeessinu fira koo ykn aantee koo jennee kan dhiifnuu miti. Saba keenyarra namni miidhaa dhaaqqabse hunduu diina Oromooti. Kanaaf kan Oromoo miidha hundaa (alagaa fi Oromoos) qixxee ragaa waliin kaahuu qabna.
  6. Dokumentiiwwan gandarraa kaasee hamma guutuu biyyaa kan waajiraalee jiran seeran kaahun boru ragaadhaf fayyada. Kanaaf dokumentii seeran qabuun barbaachisaadha. Waajjira kamuu gubuun waan hedduuf miidhaa qaba. Kana qeerroon sirriitti tiksuu qaba. Ragaan hedduutu waajiraalee jira waan ta’eef sirnaan kaahun boruuf Oromoo fayyada. Gubanii gatuun hattoota fi saamtota fayyada.

Egaa Sabni Oromoo lammii isaa kan ajjeefame, hidhame, qabeenya isaa kan qisaasame kana gumaa baafachuu kan jalqabu galmeessudhaani. Seeraf sirnaan bakka jirruu ragaalee hundaa kan barreeffamaan jiru haakeenyu, kan suuran jiru walitti haa qabnu, kan vidiyoodhan jiru, kan sagaleedhan jiru fi kan ragaa namaa jirus vidiyoodhan waraabnee kaahun gumaa lammii keenyaa baasudhaan qixxeedha. Boru kan lammii keenya miidhe hunda seeran gaafanna waan ta’eef kanarratti Oromoon hunduu hirmaachuu qaba.

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.