Oromoon waranaa isa hinlaallanneef dhumuu hinqabu

Biyyi Tophiyaa hundaahuu ishiitirraa eegalee Oromoon waraana baattuu meeshaa ormaa ta’ee tajaajilaa ture. Yeroo kaan fedhiidhan harka irra caalaa immoo dirqiidhan duulchisanii ficcisiisaa turan. Kunis bu’aan isaa gabrummaaf ajjeefamuu qofa.

Bara Minilik waraana adda addaa kan amma nafxanyaan ittiin dhaadatan lola Adwaa keessattis lola maycaw keessattis kan adda durummaadhan lolaa ture Oromoodha. Injifannoon garuu nafxanyaa aangorra tursiisuu ture. San booda Oromoon salphachuuf saamamuu ture bu’aan isaa.

Bara Hayila Sillaasee waraana Xaaliyaanii waliin taasifame irratti kan dhume harki irra caala ilmaan Oromooti. Hayila Sillaasen garuu gaafa achii deebi’ee aangoo qabate isaan hidhuuf ajjeesutti deebi’e. Galanni isaa saamamuuf salphachuu ture.

As dheenya kan yaadannu baroota 1970 fi 80moota keessa bara Darguu waggaa dheeradhaaf waraana Somaalee waliin taasifamefii waraana Ertiraa waliin taasifamerratti Ilamaan Oromoo hedduutu lubbuu ofii dhabe. Waraana Ertiraa waliin taasifame harka 70 ol ilmaan Oromoo akka hirmaachaa turan himama. Haata’u malee gaafa waraanni suni xumuramu galata osoo hintaane salphina fi bakka itti kufan dhabuu ta’e. Isayyuu warra lubbuudhan hafetu carraa san argate. Namni kuma dhibba hedduun lakkahamu Ertiraa fi Tigray keessatti biyyetti makame. Faayidaa eenyutiif jettanii yoo gaafattan Darguu aangorra tursiisun alatti faayidaa tokko hinturre. Aangoo Mangistuu H/Maariyam eegun alatti eenyuu faayidaa hinarganne. Gaafa inni gatee badu garuu as goraa nama jedhuun dhabanii karaarratti hafan.

Bara 1998-2000 keessatti waraana Wayyaane fi Ertiraan jidduutti Baadimetti taasifameeratti ijoollee Oromoo dirqiidhan fuudhanii leenjii gahaa malee adda waraanatti ficcisiisan. Lola “zemecha Tsehay Gibati” jedhamurratti guyyaa tokkotti Oromoota kuma heddutti lakkahamu dhume. Bu’aan isaa Baadimeen Ertiraadhaf murtooftee hafte. Waraanni suni garuu lola hiriiyoota jidduutti qabeenya Oromoo irratti waldhaban ture. Issayaasif Mallasaan kan waldhaban Bunaa fi xaafii akkasumas loowwan Oromoo samanii biyya alaa ergachuu, albuuda Oromoo saamuu fi qabeenya biyyattii saamurratti ture.

Ammas akkuma argaa jirru Abiy Ahmed waraana Tigray irratti labsee jira. Waraanni kuni kan dibbee rukutee qopheessaa jiru Nafxanyoota yoo ta’u akkauma baratame Oromoon nuuf lola jedhanii abdiidhan. Biyya Tophiyaa isaanif “Innat Hagar” kan damma muxachiiftu yoo taatu Oromoo garuu nyaachaa turte ammas itti jirti. Biyyi Tophiyaa qabanyaadha, qabanyaa dhiiga ilmaan Oromoo jigsitu malee jiraachuu hindandeenye.

Oromoon keessattuu dargaggoon malachuu qabu. Biyya ofiititti hojii humnaa akkasumas waan qabaniin nagana jiraachuu isaanif wayya. Sobanii mindaa isiniif kaffalla jedhanii maallaqa xixiqqoodhan sobanii dhiyena rasaasa isaan godhu. Kan dide immoo dirqiidhan geessu. Oromoo daangaa ormaa dhaqee dhumuun waan hinoolle yoo ta’e qeyee ofiititti lolaa du’uu isaadf wayya. Maanguddoon, barsiisonni akkasumasa gaheessonni dargaggoota seenaa lola Ertiraaf Baadimmee barsiisanii ijoollee Oromoo lolarraa baraarun hedduu murteessadha.

Oromoon waraana isa hinlaallanneef humuun haa dhabbatu!

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%%footer%%