Akkaataa qasoon Oromoo itti akeekameef dogoggora ammallee irraa hinbaratamin

Birbirsa Goorotiin

Qabsoon Oromoo kan eegale gaafa Oromoon diinan tuqame irraati. Kuni weerara gara garaa jarraa 15ssoo keessa Gadaa irratti aggaamame qolachuuf Gadaa haaromfatee human ta’ee as baahuu san duras qabsoo diina ofirraa ittisuu heddutu godhamaa ture.

Kan as dhiyeenyaa yoo laallemoo Saahila Sillaasen Oromoo Tuulamaa irratti yeroo adda addaa aggaamii gochuu ture akkasumasa Tewodiroos ummata Oromoo Walloo irratti dhiibban gochaa ture qabsoo cimaa gaafachaa ture. Qabsoon jaarraa 18ssoo irraa jalqabamee godhamaa ture kan injifannoodhan xumurames, moo’atamuudhan xumurames jira.

Ka’umsi barreeffama gabaabduu tanaa qabsoo Oromoon gaggeessaa ture san hundaa duubatti deebinee gamaggamuuf osoo hintaane akkuma ka’umsaatif. Ijoon barreeffama gabaabduu tanaa qabsoo keenya waggaa shanan dabre kana bara 2018 keessa Wayyaanee kufisuudhan yeroo goolabamu akkaataan itti akeekamee fi xumurri qabsoon suni itti godhame dogoggora ta’uu ibsuufi. Dogoggora san amanuu diduudhaf ammallee sababa kufaatii isaa tarreessurra dogoggora san amananii fala barbaadutu karaadha.

Qabsoon Qeerron gaggeessaa ture bara 2017 dhumarra yeroo wayyaanen moo’amtee xumura irra gahu filannoo lamatu ture. Innis qeerron qabsoo itti fufee mootummaa san kuffisee mootummaa cehumsaa human haaradhaan ijaaruf fi mootumumti jiru suni akka of fooyyessee itti fufu gochuudha.

Namoonni hedduu mootumman Wayyaanee yakkamaafi nama fixaa ture waan tureef guututti diigamee mootummaan cehumsaa dhaabbatee yakkamtoonni mootummaa san gaggeessaa turan (TPLF, OPDO, ANDM kkf) seeratti haa dhiyaatan, moraalii ittiin mootummaa san itti fufsiisan hinqaban kan jedhu ture. Haata’u malee namoonni dhageettii qaban harka wayaa jalaatin mootummaa san waliin quunnamtii horachuudhan mootummaan kun yoo guututti diigame biyyattiin gara waraanaa jijjiiramtii, wal fixuutu dhufaa olola jedhuun carraa jiru cufan. Osoo yaanni lameen walbira qabamee sirnaan mariinillee hingodhamin carraan cufame.

Yeroo san carraan mediyaa dhiphaa ta’ee sagalee warra kana mormee ifatti dhagahamuu baatus namni hedduun mootummaan EPRDF guututti jiguu qaba malee suphamuu hinqabu yaada jedhu dhiyeessaa turan. Yeroo sanitti qabsoo akka guutuu biyyaatti qeerroo itti dhumaa ture, qabsoon diyaasporaan maallaqa ofii itti cuunfe, qabsoo ummanni Oromoo lubbuuf qabeenya ofii itti wareege kan ummataa ta’uu hafee kan nama muraasaa taatee mul’atte. Kan namni tokko lameen mediyaatti bayee karaa akeeku taatee ijaarama dhabdee hoongote.

Egaa gaafin amma jiru:

  1. Biyyattii diigamuu irraa haftee?
  2. Biyyattiin waraanni irraa oolee?
  3. Oromoon waan qasaa’ef argatee?

Gaafii hedduu tarreessun nidanda’amu. Gaafin kunillee kan bara 2017 mootummaan cehumsaa haaran haadhabatu jedhamee mormaa turame malee amma waan wanni martuu ifa bayeef waan booda namaaf ifee miti.

Oromoon akka ummataatti qabsoo godhe keessaa kan bara 2015-2018 gaggeesse lubbuu qaalii itti kaffale, waan qabu itti fixate, qabeenya ofii itti fixate. Egaa osoo gaafa san mootummaan EPRDF diigamee mootummaan cehumsaa haaran dhaabbatee Oromoon carraa hedduu qabaayyu. Ijaaramuus baatu humni fi hamilee gaafas jiru Oromoon kan olaantummaa qabu ture.

  1. Silaa Wayyaanef OPDO yakkamtoonni kan biyya bulchan osoo hintane seeraf dhiyaatan ture. Har’a garuu ofii yakkamtoonni biyya bulchaa kan qabsaaye mana hidhaa taa’a
  2. Biyyattiinis diigamuuf waraanni kan har’a jiru kana caalaa hinta’u ture. Hara Oromoon human isaa facaasanii, qabsoo Oromoon itti dhume Nafxanyaan abbaa mirgaa itti ta’ee qabsoo sadarkaa bara Minilik sanitti deebisuuf ifaajaa jiran. Oromoonis ammas akka haaratti qabsoo eegaluuf dirqame.
  3. Yeroo san addunyaanis Oromoo dhageessee turte. Dhaaboliin Oromootis ijaarama cimaas dhaban kan har’a irra jiran kana caalaa waldhageetitu ture, namnis safuu waliif qaba ture. Hamileen qabsoo Oromoo guddaa ture. Har’a garuu dhaabolii siayaasaa Oromootis bittineessanii kaan mana hidhaa galchanii carraa jiru hundaa Nafxanyaadhaf kennan.

Akkaatan qabsoon Oromoo itti akeekame kufaatii guddaa Oromoorran gahe. Heddus tarreessun nidanda’ama. Kufaatii kana keessaa bahuudhaaf immoo dogoggora hojjetame kana ifatti amananii karaa walakeekun, dogoggora darberraa barachuun hedduu barbaachisaadha. Dogoggorri guddaan garuu dogoggorre jedhanii of foyyeessuuf ifaajuu dhiisanii ammallee yoo xiinxala sababa cehumsi kuni gufateef tarreessudhaaf ummata burjaajeessuu yaalan.

Ummanni Oromoo haqa qaba. Irkaachuunis isa hinfeesisu. Ummanni Oromoo sirna Nafxanyaa (mootummoota kaabaa) jalatti mirgi isaa hineegamu. Ummanni Oromoo qabsoo ofii kan ofirratti irkaateef of danda’e gaggeessee, diina ofiirraa gaggeessee abbaa biyya ofii ta’uuttu isa baasa. Dogoggorri jiru ammallee dogoggora ofii irraa barachuurraa akkaataa qabsoon itti xumurame akeeka dogoggoraa kahameerraa ta’uu amanurraa sababa biraa tarreessuf yaaludha.

Oromoo qabsoon kee bara 2018 akeeka dogoggoraatin waan goolabameef ammas gabrummaa caalutti kufte. Kana jalaa ka’uudhaf walgorfachuuf wal sirreessuu feesisa. Ifatti dogoggora jirus aadaa walqeequu guddifachuu qabna. Yoos qabsoon keenya fiixa baha.

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%%footer%%